Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI), Simpooziyeemii “Ragaa Dhiibbaa Qabu: Imaammata fi Sagantaa Dargaggoota Bahaa fi Kibba Afrikaa Giddugaleessa Godhatanii Bocuu” jedhu kan Naayiroobii, Keeniyaatti Waxabajjii 9 hanga 11, 2026 gaggeeffame irratti hirmaateera.

Siimpooziyeemichi, michummaa cimsuun qaawwa ragaa, imaammataa fi hojiirra oolmaa sagantaa gidduu jiru cufuuf kan irratti mari’atame yoo ta’u, kaayyoon isaas fayyaa dargaggootaa—keessumaa shamarranii—guutuu Bahaa fi Kibba Afrikaa keessatti fooyyessuudha.

Simpooziyeemii kanarratti, qorannoo yeroo dheeraa Koorniyaa fi Dargaggoota guutuu addunyaa irratti gaggeeffame keessaa, dhiibbaa walitti bu’iinsaa fi wal-qixxummaan fayyaa fi nageenya dargaggoota Itoophiyaa irratti qabu addatti qoratamee dhiyaateera. Kutaan ragaa dargaggoota dabalataa irratti gaggeeffame kun, muuxannoo dargaggoota baay’ee ijoollee ta’anii, gaa’ila daa’immanii, dhaqna qabaa shamarranii (FGM), fi hirmaannaa lammummaa fi siyaasaa dargaggootaa dabalatee xiinxaleera. Kunis muuxannoo isaanii sirriitti hubatanii gidduu-galummaa bu’a qabeessa ta’e qopheessuuf faayidaa ragaa yeroo dheeraa ibseera.

Marii paanaalii irratti, KMNI’n gahee dhaabbileen mirgoota namoomaa biyyoolessaa yeroo waldhabdee fi erga waldhabdeen dhaabbatee booda sarbama mirgoota namoomaa dargaggoota miidhan irra gaheef deebii kennuu keessatti qooda qaban irratti hirmaannaa bal’aa godheera.Oromo Marichis, barbaachisummaa hatattamaa imaammataa fi sagantaaleen ragaa irratti hundaa’an, dhaqqabamaa ta’anii fi muuxannoo jireenya qabatamaa dargaggootaa giddugaleessa akka godhatan cimsee ibseera.

KMNI’n hojii hordoffii fi qorannoo isaa naannoolee walitti bu’iinsi irra gahe, keessattuu naannoo Amaaraa fi Tigraay keessatti, argannoo argate qooduun yeroo waldhabdee fayyina fi nageenya dargaggootaa eeguuf dursa kennamuu akka qabu addeesseera. Kana malees, Komishinichi itti gaafatamummaa fi eegumsa mirgoota namoomaa cimsuuf dhaddacha ummataa (public hearings) gaggeessuu irratti muuxannoo qabu qoodee jira. Qorannoon ragaa koorniyaa fi dargaggoota guutuu addunyaa hojii isaa irratti akkamitti akka odeeffannoo kennu, qormaata sirnaa adda baasuuf akka gumaachu, fi haaromsa imaammataa leellisuuf dandeessisu agarsiiseera.

Simpooziyeemiin kun KMNI’f qorattoota, qaamolee imaammata baasan, qooda fudhattoota hawaasa siivikii, fi bakka bu’oota dargaggoota guutuu naannichaa fi isaa ol irraa dhufan waliin muuxannoo akka wal-jijjiiraniif waltajjii murteessaa uumeera. Qabxiin ijoo ta’e tokko, barbaachisummaa dhaloota ragaa (evidence generation) bira darbee gara gocha ragaa irratti hundaa’etti (evidence-based action) ce’uu irratti xiyyeeffachuu isaa ti. Marii kanaan, argannoo qorannoo Falmii Mirga Namoomaa, hordoffii, qorannoo, dhaddacha ummataa, fi yaada dhiyeessuu keessatti walitti makuun, ragaan jireenya dargaggootaa irratti fooyya’iinsa qabatamaa akka fidu mirkaneessuun faayidaa guddaa akka qabu qabatamaan agarsiiseera.

Xumura irratti, simpooziyeemichi barbaachisummaa imaammataa fi sagantaaleen dargaggoota giddugaleessa godhatan, deebii kan kennan, hunda-hammattoo fi ragaa irratti kan hundaa’an ta’uu isaanii mirkaneessuuf dhaabbilee qorannoo, qaamolee mirgoota namoomaa, mootummoota fi hawaasa gidduutti tumsa jiru kan cimsan ta’uu isaa jala muree hubachiiseera. Qabxiin asirraa fudhatamus, tattaaffii KMNI’n mirgoota daa’immanii fi dargaggootaa jajjabeessuu fi kunuunsuuf godhu, keessattuu naannoolee walitti bu’iinsaan miidhamanii fi saaxilamoo ta’an keessatti akka gaariitti kan deeggaru dha.