Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) naannoo Oromiyaa Godina Arsii duraanii ijaarama haarawaan, Godina Kibba Baha Oromiyaa, aanaa Sirka, ganda Birboonaa Collee keessatti Onkololeessa 14, 2019 A.L.I. haleellaa raawwatameeni fi dhiittaa mirgoota namoomaa hordofsiise ilaalchisee qorannoo taasisee jira.
Haaluma kanaan, haleellaa guyyaa san raawwatameen namoonni ajjeefaman, qaamaan miidhaman, qe’ee isaanii irraa buqqa’anii fi qabeenyi barbadaa’uu isaa KMNI’n, namoota miidhaman, maatii miidhamtootaa, namoota ijaan argan, bakka bu’oota hawaasaa fi hoggantoota dhaabbilee amantaa irraa, akkasumas miidhaamtoota dhaabbilee yaalaa keessatti wal’aansa argachaa jiranii fi qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu irraa odeeffannoo walitti qabuun, akkasumas dawwannaa gaggeessuu fi qorannoo dijitaalaa hojiirra oolchuun mirkaneeffachuu danda’eera.
Qorannoo KMNI’n Aanaa Sirkaa, ganda Birboonaa Collee, Godina Kibba Bahaatti gaggeesseen, ganama sa’aatii 12:30 hanga sa’aatii 2:30tti garee naannichatti hidhatee socho’u kan waraana bilisummaa Oromoo jedhee of waamu (“ABO Shanee”) Onkoloolessa 14, 2019 kallattii afur irraa gara gandichaatti seenuun haleellaa raawwateen, ajjeefamuu humnoota nageenyaa sadarkaa gandaatti gurmaa’an 23, miseensota milishaa 5 fi namoota nagaa 13 mirkaneessuun danda’ameera. Namoota nagaa 13 lubbuu isaanii dhabaniin alattis naannichatti namoota seeraan ala hidhataniin lammiileen nagaa 7 kan ajjeeffaman ta’uu isaa mirkanaa’eera. Kana malees haleellaa garee hidhataa ABO Shaneen raawwatameen namoota 20 irra miidhaan qaamaa ga’eera, Manneen jireenyaa 21 gubataniiru, Maatiin 247 naannoo sanarraa buqqa’aniiru, lakkoofsi isaa yeroo ammaaf hin beekamne kan horiin maalaa fi kottee saamamaniiru.
Qorannoo komishinichi naannoo Oromiyaa godina kibba bahaa, aanaa Sirkaa, ganda Birboona Collee keessatti taasiseen namoonni seeraan ala hidhatan bal’inaan naannicha keessa socho’aa akka jiran mirkaneeffachuu danda’eera.
KMNI’n haleellaa naannoo Oromiyaa, Godina Arsii duraanii, aanaalee Asekoo, Honqooloo Waabee, Gunaa fi Martii keessatti irra deddeebiin raawwatamaa jiru ilaalchisee mootummaan haleellaa kana ittisuuf, nageenya ummataa eegsisuuf akkasumas namoota haleellaa kana raawwatan seeraan akka itti gaafatamaan gaafataa turuun ni yaadatama. Akka Heera Mootummaa keewwata 13(1)tti mirgoota luubbuun jiraachuu, qabeenyaa, nageenyummaa qaamaa kabajuu fi tiksuu itti gaafatamummaa qaamolee mootummaa federaalaa fi naannoo hunda irraa eeggamu yoo ta’u, sarbama seeraa qorachuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu bira darbee haleellaawwan irra deebi’anii akka hin raawwatamne tarkaanfiiwwan ittisaa fudhachuutu irraa eeggama. Akkasumas, jaarmiyaa tika mootummaatiin ala gareewwan seeraan ala hidhatan ilaalchisee hordoffii barbaachisaa ta’e gaggeessuu qaba.
Komishinarri ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo Ajjeechaa, miidhaan qaamaa, manca’iinsi qabeenyaa fi buqqa’iinsi jiraattotaa baay’ee yaaddessaa ta’uu ibsanii, mootummaan naannoo haleellaa kanaan miidhame hunda keessatti eegumsa gahaa fi bu’a qabeessa ta’e taasisuu, keessattuu, ijaarsa qaamolee nageenya naannichaa sirreessuu fi cimsuudhaan qophii isaanii madaaluu, fi doorsisa saffisaan deebii kennuudhaan lubbuu, nageenya qaamaa fi qabeenya jiraattotaa eeguuf itti gaafatamummaa qaban bahachuun akka barbaachisu ibsaniiru. Itti dabaluunis miidhaa haleellaa kanaan dhaqqabe irratti qorannoo hatattamaa, walabaa fi bu’a qabeessa ta’e gaggeessuun itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi maatii namoota du’anii fi miidhamtootaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasifamu, Jiraattonni buqqa’an gara qe’ee isaaniitti akka deebi’anii fi miidhamtoota dandamachiisuu fi deebisanii dhaabuuf tarkaanfiin hatattamaa fudhatamuu akka qabu ibsaniiru.
KMNI’n dhiittaa mirgoota namoomaa fi sababoota haleellaa godina kibba bahaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwatame ilaalchisee qorannoo tooftawaa isaa gaggeessaa ture xumuraa jiraa jiraachuu fi gabaasni qophii qorannichaas akkuma xumurameen ifa kan taasisu ta’a. Akkasumas, komishinichi aanaalee daangaa naannolee Gaambeellaa, Oromiyaa fi Sumaalee, Naannoo Amaaraa bakkeewwan adda addaatti mudatee fi dhiittaa mirgoota namoomaa walitti bu’iinsa naannoo Tigraay waliin walqabatee jiru irratti hordoffii fi qorannoo taasisaa jira.