Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) “SOS Ganda Daa’immanii Itoophiyaa” waliin ta’uun tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa irratti hordoffii fi gargaarsa taasisuuf kan qophaa’e qajeelfama wixinee gamaaggamuuf kan dandeessisu waltajii qooda fudhattoonni adda addaa irratti argaman  Onkoloolessa 20, 2019 A.L.I Magaalaa Finfinneetti adeemsise. Waltajjicharratti qondaaltonni olaanoo kutaalee hojii KMNI, Ministeera Haqaa, Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa, Waajjira Abbootii Seeraa Ittisaa, bakka bu’oota waajjira abukaatoo, manneen barnootaa seeraa Yuunivarsiitii fi dhaabbilee hawaasa siivikii tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa kennan irraa kan babbayan miseensota koree ogeeyyota biyyoolessaa fi akkasumas dhaabbilee michuu ta’an irratti hirmaataniiru. 

Komishinichi dhaqqabamummaa haqaa, qulqullinaa fi tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa akkasumas mirgoota namoomaa jiddu-galeessa kan godhate sadarkaa biyyaatti babal’isuuf hojiiwwan walduraa duubaan hojjechaa tureera. Waltajjii kana irrattis hojiiwwan bifa adda addaa kallattii hedduun komishinichi waggoota darban keessatti raawwachaa tureen alattis, akkaataa hojiirra oolmaa karooraa fi tarsiimoo woggoottan shananii hojiirra oolaa jiruun tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa akka babal’atuu fi qulqullinni isaa akka eeggamuuf xiyyeeffannaa ol’aanaan itti kennamee akka hojjatamu ibsameera.   

Qorannoon haala yeroo fi qaawwa bu’uuraa tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa dhaabbilee adda addaa keessatti kennamaa jiru adda baasuu fi wixineen kutaa tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa aangoo fi itti gaafatamummaa KMNI’f kennameen hordofuuf qophaa’ee fi dhaabbilee tajaajila kana kennan deeggaruuf qophaa’e irratti hirmaattotaaf dhiyaatee bal’inaan irratti mari’atameera. Dabalataanis, hirmaattonni qajeelfamichi qophaa’e kun qajeeltoowwan, ulaagaalee qulqullinaa fi ulaagaalee bu’uuraa kenniinsa tajaajila gargaarsa ifatti kan kaaye ta’uu ibsanii, kutaaleen hawaasaa saaxilamoo ta’aniif adeemsa bulchiinsa haqaa keessatti deeggarsaa fi tajaajila argachuu qaban ifatti kaa’uu isaa hirmaattonni hubachiisaniiru. Itoophiyaan waliigalteewwan idil-addunyaa irratti mallatteessite keessaa, Heera mootummaa Itoophiyaa fi seerota biyya keessaa biroo bal’inaan woliin walbira qabamee ilaallamuudhaan akka gabbatu taasifamuun isaa qulqullina tajaajilaa fooyyessuuf gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru. Gama biraatiin dhiheessi qajeelfamichaa, gurmaa’insa, qabiyyee, walsimannaa jechootaa, hiikaa fi yaada ijaarsaa biroo qajeelfama kana gabbisuu danda’an irratti hirmaattotni mari’ataniiru. 

Bakka bu’aan dhaabbata “Ganda Daa’immanii SOS Itiyoophiyaa” Achamyellesh Teferi tajaajilli gargaarsa seeraa bilisaa mirgoota daa’immanii, dargaggoota giddugala kunuunsaa keessa bahani fi kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’an biroo eeguuf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi dhaqqabamummaa haqaa fi sirna eegumsa daa’immanii cimsuuf yeroo dheeraaf hojjechaa akka ture kan ibsan bakka bu’aan dhaabbatichaa kun,  wixineen qajeelfamaa kun keessattuu tajaajila gargaarsa seeraa daa’immaniif kennamu keessatti meeshaa si’ataa fi faayidaa qabeessa ta’uu eeranii, kunis qulqullina, walsimannaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu akka qabu ibsaniiru. Hojiirra oolmaan bu’a qabeessa ta’e akka jiraatuuf dhaabbilee mootummaa,KMNI fi dhaabbilee hawaasa siivikii gidduutti tumsi cimaan akka barbaachisu eeranii, SOS adeemsa kana deeggaruu fi daa’imman sadarkaa biyyaatti haqa argachuu isaanii fooyyessuuf michoota hunda waliin hojjechuuf kutannoo akka qabu mirkaneessaniiru. 

Itti aanaan Koomishinara ol’aanaa KMNI Dooktar Mizaanee Abaatee gama isaaniitiin, qulqullina, walsimannaa fi sirna to’annoo tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa sadarkaa biyyaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Qajeelfamni Wixineen kun sirna biyyoolessaa walfakkaatu uumuuf, ulaagaa qulqullinaa bu’uuraa kaa’uuf, akkasumas hordoffii keessoo fi to’annoo alaa cimsuu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis akkaataa karoora tarsiimoo haaraa kanaan komishinichi qooda fudhattoota waliin ta’uun tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa mirgoota namoomaa jiddu-galeessa godhate babal’isuuf kutannoo kan qabu yoo ta’uu fi qajeelfamichi yeroo ragga’u dhaabbileen sirnaan hojiirra oolchuuf deeggarsa barbaachisaa ta’e Komishinichi cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru.