Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Inistiitiyuutii Mirgoota Namoomaa Deenmaarki (DIHR) fi Konfedereeshinii Waldaalee Hojjechiistota Itoophiyaa (CEEA) waliin ta’uun, Sadaasa 12, 2026 waajjira muummee KMNI Finfinneettitti woorkishooppii ijaarsa dandeettii hojii daldalaa fi mirgoota namoomaa (BHR) irratti hundaa’e gaggeessee jira. Woorkishooppii kana irrattis bakka bu’oota hawaasa daldalaa Itoophiyaa walitti fiduun hubannoo sadarkaa daldalaa fi Mirgoota Namoomaa idil-addunyaa irratti qaban cimsuu fi guddina danbiiwwan yeroo ammaa jiran kanneen dhiibbaa dhaabbilee Itoophiyaa keessatti socho’aa jiran irratti uuman qorataniiru.




Walgahii baniinsaa kana irratti, Imbaasii Rooyaal Deenmaark keessatti Barreessaa/ituu ol’aanaan Kiristaan Weestad, daldalaa fi mirgoota namoomaa dhimma daldalaa guddachaa jiruu fi kabaja mirgoota namoomaa fi shaakala daldalaa itti gaafatamummaa qabu kan fudhatu waan ta’eef, ijaarsaa dandeettii barbaachisaa fi yeroo isaa eeggate ta’uu isaa ibsaniiru. Doktor Daawwit Mogos Konfedereshinii Waldaalee Hojjechiistota Itoophiyaa irraa daldaltoota Itoophiyaa beekumsaa fi meeshaalee dhimma mirgoota namoomaa furuu fi ejjannoo addunyaa guddachaa jiruuf deebii bu’a qabeessa ta’e hidhachiisuu barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.


Haal mijeessummaa ogeeyyota olaanoo Inistiitiyuutii Mirgoota Namoomaa Deenmaarki fi Komishiinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatiin kan qindaa’e woorkishooppiin kun yaad-rimeewwanii fi sadarkaalee ijoo Daldalaa fi Mirgoota Namoomaa irratti, kanneen akka Qajeelfama bu’uuraa Daldalaa fi Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNGPs) dabalatee tattaaffii Mirgoota Namoomaa irratti hundaa’e fi misooma danbii Gamtaa Awurooppaa dhiyeenya kan bahe, keessattuu Qajeelfama tattaaffii Itti Fufiinsaa Dhaabbilee (CSDDD), Qajeelfama Hojii Dirqisiisaa Gamtaa Awurooppaa, fi dambii manca’iinsa bosonaa gamtaa awurooppaa kan hammatedha.




Hirmaattonnis Itoophiyaatti guddina hujii daldalaa fi Mirgoota Namoomaa yeroo ammaa fi kaka’umsa KMNI’n gocha daldalaa itti gaafatamummaa qabu dameewwan ijoo hunda keessatti tarkaanfachiisuuf itti fufee jiru irrattis mari’ataniiru.
KMNI’tti Daarektarri Kutaa mata duree Dhimmoota Mirgoota Namoomaa Hawwii Asfaawu, mariin kun qaama tattaaffii bal’aa KMNI gocha daldalaa itti gaafatamummaa qabu guddisuu fi gochaalee biyyoolessaa sadarkaalee mirgoota namoomaa idil-addunyaa waliin walsimsiisuuf taasisu ta’uu hubachiisaniiru. KMNI naannoo daldalaa mirgoota namoomaa kabajuu fi misooma itti fufiinsa qabuuf gumaachu akka fooya’uuf kutannoo akka qabu irra deebi’anii mirkaneessaniiru.