KMNI’n hordoffi qabiinsa mirgoota namoomaa shakkamtoota buufataalee poolisii naannoo Oromiyaa keessatti bara 2018 A.L.I. taasiseen Argannoowwan addaa baafamanii fi yaadota furmaataa kennaman irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatitti marii gaggeesseera.  

Mariikanarratti Komishinarri Barnootaa fi Qorannoo Mirgoota Namoomaa KMNI Badhaasaa Lammeessaa dabalatee, hogantootni  kutaalee hojii KMNI, Poolisii Oromiyaa, Godinaalee, qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalotaa; akkasumas, Biiroo Abbaa Alangaa, biiroo Fayyaa, biiroo Barnootaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Komishinarri Barnootaa fi Qorannoo Mirgoota Namoomaa KMNI Badhaasaa Lammeessaa haasawa baniinsaan maricha kan banan yoo ta’u, Mariin akka kanaa KMNI fi Poolisii Oromiyaa waliin taasifamu haala mirgoota namoomaa naannichaa fi sadarkaa biyyaatti fooyyessuuf, dhimmoota waliin hojjechuun danda’amu irratti caalmaatti wal-tumsuuf, akkasumas kaayyoo waloo irratti mari’achuudhaan tumsa kanaan dura ture caalmaatti cimsuuf carraa ni uuma” Jedhaniiru. 

Komishinar Badhaasaan itti dabaluudhaanis, argannoowwan qabiinsa mirgoota shakkamtootaa fi yaadota furmaataa marii kanarratti dhiyaatan irratti mari’achuudhaan, waliigaltee haala mirgoota namoomaa waliigalaa fooyyessuuf gargaaru irra gahuu fi akkaataa karoora raawwii yaada furmaataa hojiitti hiikuun dandeessissun hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. 

Waltajii marii kanarratti, KMNI’n bara 2018 A.L.I. Hordoffii mirgoota namoomaa shakkamtootaa buufataalee poolisii Oromiyaa keessatti taasiseen argannoowwan adda baafamanii fi yaadota furmaata kennaman hirmaattotaaf dhiyaatee marii bal’aan taasifamera.

Hirmaattotni marichaas, waajjiraalee poolisii keessatti mirgootni namoomaa shakkamtootaa akkamitti akka keessummeeffaman ilaalchisee yaada isaanii dhiyeessaniiru. Adeemsa hanga ammaatiin rakkoolee yaaddoo ta’anii itti fufan, akkasumas dhimmoota humna dandeetti poolisii Oromiyaatiin hiikkamuu hin dandeenye irratti qaamota dhimmi ilaallatu waliin KMNI’n hojii dhaadhessuu akka irratti hojjatu gaafataniiru.  

Naannichatti haala qabiinsa mirgoota shakkamtoota caalmaatti akka fooyya’uuf hojjachuu fi yaadota furmaataa dhiyaatanis hojiirra oolchuuf qooda fudhattoonni akka hojjetan ibsameera. 

KMNI walabummaa isaa eeggatee, mirgoota namoomaa irratti jijjiirama qabatamaa fiduudhaaf qooda fudhattoota waliin qindoominaan ni hojjeta.