Komishinarri ol’aanaan Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Birhaanuu Adeelloo Itoophiyaatti Ambaasaaddara Aayerlaandi Siiyaaraan Maadan waliin marii taasisaniiru.

Marii kanaan haala mirgoota namoomaa Itoophiyaa yeroo ammaa, dhimmoota yaaddessoo fi tarkaanfiiwwan qajeelloo, akkasumas, hojiiwwan hordoffii fi qorannoo KMNI raawwataa jiru irratti mari’ataniiru.
Sagantaa kanarratti hojiiwwan mirgoota namoomaa kabachiisuu fi dagaagsuu KMNI’n hojjatama jiran cimsuuf kan oolu waliigaltee tumsaa mallatteessaniiru.


Itoophiyaatti eegumsa mirgoota namoomaa dhaqqabamummaa haqaa, fi itti gaafatamummaa cimsuu irratti kan xiyyeeffatu bu’uura waliigaltee deeggarsa haarawaa kanaan, deeggarsi hordoffii mana sirreessaa fi bakkeewwan tursiisaa (prison and detention monitoring) hordoffii adeemsa murtii dhaddachaa fi qorannoo sirnaa (trial monitoring and systemic investigations) Karoora Hojii gochaa Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Itoophiyaa (TNHRAP) haala mijeessuu fi Yaadota Furmaata Gamaaggama Yeroo Idil Addunyaa (UPR)ttin keennaman biyyattii keessatti hojiirra oolchuu irratti kan xiyyeeffate ta’a.
Waliigaltee tumsaa booda, Koomishinarri ol’aanaan Birhaanuu Adeelloo, Aayirish eeyid (Irish Aid) armaan dura yeroo dheeraaf KMNI’tti guddina ijaarsa dhaabaatii fi walumaa galatti hojii fooyya’iinsa mirgoota namoomaa biyyattii keessatti hojjatamu irratti gumaacha guddaa akka taasise eeranii, mootummaa fi ummanni Aayerlaandi deeggarsa itti fufiinsa qabu taasisaniif galata guddaa qaban ibsaniiru.


Dabalataanis, komishinichi karoora tarsiimoo haaraa waggaa shanii bu’aa irratti xiyyeeffate eegaluu isaa beeksisee, waliigaltee tumsaa fi sagantaa tumsa haaraa qaamolee lamaan jidduutti mallattaa’e kana eegumsa mirgoota namoomaa, dhaqqabamummaa haqaa, sirna itti gaafatamummaa fi hojiiwwan hordoffii, qorannoo fi ijaarsa dandeettii KMNI daran cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun isaa ibsameera.
Dhumarrattiis qaamoonni lamaan mirgoota namoomaa eegsisuu fi ittigaafatamuumma biyyaalessaa qaban hojiirra oolchuuf tumsa jalqaban cimsanii itti fufuuf kutannoo qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru.