Waajjirri magaala Hawaasaa KMNI argannoowwan hordoffii haala qabiinsa mirgoota namoomaa buufataalee poolisii 36 fi manneen sirreessaa 3 naannoo Sidaamaa keessatti argaman irratti gaggeessee ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Marii kana irratti Komishinarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddoota KMNI, Mohaammad Ahimad hojiirra oolmaa yaadota furmaataa koomishinichaa ilaalchisee fooyya’iinsi naannichatti mul’ate jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

Akka fakkeenyaattis qajeelchi Poolisii Waliigalaa Naannoo Sidaamaa, Onkoloolessa 30, 2019, argannoo hordoffii kanaa bu’uura godhachuun, godinaalee afur fi bulchiinsa magaalotaa dabalatee buufataalee poolisii hunda keessatti dhiyeessii yaalaa fi nyaataa, bakka oolmaa shakkamtootaa akkasumas shakkamtoota dargaggoota umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’aniif addatti bakki turtii akka guutamu kallattii kaa’uun tarkaanfii jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.

Kana malees, buufataalee poolisii KMNI’n hordoffii irratti taasise hunda keessatti, shakkamtoonni loogii sabummaa, koorniyaa fi amantaa, ilaalcha siyaasaa ykn sababa biroo irratti hundaa’uun too’annoo jala kan hin oolfamne yoo ta’u, odeeffannoon dhuunfaa shakkamtoota hunda galmee guddaa waliinii irratti galmaa’ee sababa too’annoo jala oolfamaniif akka beekan taasifamuu akka tarkaanfii gaariitti kaafameera.

Kana malees, qabxiilee cimiinan ittifufuu qaban kan akka shakkamtootni wayita too’annoo jala oolfamanis ta’ee hidhaa irra yeroo tursiifaman miidhaan qaamaa, sammuu ykn xiinsammuu irratti raawwatamu akka hin jirre, kabajamuu mirgi daawwatamuu, akkasumas kutaa tursiisaa shakkamtoota dubartootaa shakkamtoota dhiiraa irraa adda ta’ejiraachuu isaa ibsamee jira.

Haa ta’u malee, ajajni Komishiniin poolisii naannichaa shakkamtootaaf nyaata dhiyeessuuf, tajaajila yaala fayya worra humna hin qabneef kennuun, namoota deeggarsa addaa barbaadaniif kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuu fi ijoollee umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’eef addatti kutaa tursiisaa addaa ijaaruuf dhiyeesse akka raawwatamu mootummaan naannichaa bajata gahaa akka ramaduu fi mirgi shakkamtootaa akka kabajamu komishinarichi waamicha dhiyeessaniiru.

Dhumarrattis Daarektarri Dhimmoota Waajjiralee Magaalaa KMNI, Bagaashaw Isheetuu fi ittigaafatamaan KMNI Waajjira magaala Hawaasaa Maatee Maaggaanee qooda fudhattoonni yaadota furmaataa komishinichaa hafan hojiirra oolchuudhaan qabiinsa mirgoota namoomaa naannichaa akka fooyyessan waamicha dhiyeessaniiru.