Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) adeemsa cee’umsa haqaa Itoophiyaa ilaalchisee leenjiiwwan hirmaannaa ho’aa hawaasaa mirkaneessuuf dandeessisan, dhaabbilee hawaasa siivikii naannoo Oromiyaa keessatti socho’aniif magaalota Adaamaa, Dirre Dhawaa fi Yaabellootti leenjii kenneera. Leenjiin kun adeemsi cee’umsa haqaa miidhamtoota giddu galeessa godhate, hunda hammatee fi ulaagaalee mirga namoomaa idil-addunyaa kan guutu ta’uu isaa mirkaneessuu keessatti dandeettii qaamolee gahee olaanaa taphattootanii cimsuuf kan kaayyeffatee dha.  

Onkololeessa 23-27, 2019 A.L.I. Magaalaa Adaamaatti kennamaa kan ture leenjiin kun bakka bu’oota dhaabbilee hawaasa siivikii naannoo Oromiyaa keessa socho’an 29 leenjicha irratti hirmaachiseera. Leenjiin kun hubannoo hirmaattonni cee’umsa haqaa irratti qaban guddisuun alatti adeemsichi kun hawaasa hunda kan hirmaachisu, miidhamtoota giddu galeessa kan godhate, hunda hammattoo fi mirgoota namoomaa idil-addunyaa kan kabaju akka ta’u dandeettii kan gabbisu ta’uu isaa hubannoo uumee jira. Kana malees, dirree adeemsa cee’umsa haqaa keessatti sarbama mirgoota namoomaa hordofuu, bulchiinsa galmee fi hojii leellistummaa hojjechuu irratti dandeettii isaanii akka gabbifatan shaakala qabatamaa taasisaniiru. 

Haaluma wal fakkaatuun, KMNI’n mirgoota namoomaa fi ce’umsa haqaa irratti kan xiyyeeffate leenjii kana miseensotaa fi hoggantoota dhaabbilee hawaasa siivikii bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa fi naannoo Harariitiif Onkoloolessa 30, 2019 irraa eegalee hanga Sadaasa 4, 2019 Magaalaa Dirre Dhawaatti adeemsisee jira. Leenjicha irratti waldaalee qaama miidhamtoota bakka bu’anii fi vaayirasiin HIV dhiiga isaanii keessa jiru dabalatee dhaabbilee mirgoota namoomaa adda addaa irraa leenjifamtoonni 35 hirmaataniiru. 

Gama biraatiin KMNI’n Onkoloolessa 30 hanga Adoolessa 2, 2019tti leenjii mirgoota namoomaa fi cee’’umsa haqaa irratti xiyyeeffate dhaabbilee amantaa, ijaarsa Abbootii Gadaa fi haadha Siinqee akkasumas manneen murtii aadaa Godina Booranaa fi aanaalee naannawaa irraa dhufaniif Magaala Yaabeellootti kennamee jira.  

Waltajjiin kilaastara kibbaa naannoo Oromiyaa keessatti adeemsifamee fi waltajiin bakka bu’oonni 35 irratti hirmaatan kun, shoora hoggantoonni hawaasaa eegumsa mirgoota namoomaa fi adeemsa cee’umsa haqaa keessatti qaban cimsuuf kan karoorfatee dha.  Hirmaattotnis muuxannoo adeemsa cee’umsa haqaa abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa biyyoota biroo keessatti qaban abuuruudhaan hirmaattonni beekumsaa fi hubannoo adeemsa kanaa abbummaadhaan hoogganuu akka horatan gargaareera. Leenjiin kun dhaabbilee hawaasaa naannoo Oromiyaa keessa jiran kanneen kanaan dura sababa haala nageenyaatiin dhaqqabamuu hin dandeenne dhaqabuudhaan hubannoo bal’aa kennuufiif carraa uumeera. 

Doktor Maqidas Taaddalaa, KMNI’tti Daariktera Ol’aanaa Daarektoreetii Barnoota Mirgoota Namoomaa

Leenjicha ilaalchisee ergaa kan dabarsan Daarektoreetii Barnoota Mirgoota Namoomaa KMNI kan ta’an Doktor Maqidas Taaddalee, adeemsi cee’umsa haqaa mirgoota namoomaa kan kabajuu fi miidhamtoota jiddu galeessa kan godhatu akka ta’uuf,  waldaaleen hawaasa siivikii gahee olaanaa akka qaban eeruudhaan,  beekumsaa fi hubannoo hawaasa biratti babal’isuuf jecha, sarbama mirgoota namoomaa galmeessuun gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru. Akkasumas, miidhamtootaaf deeggarsa xiinsammuu fi seeraa kennuu, akkasumas fooyyaíinsa sirnaa fi seeraa hojiirra oolchuuf deeggarsa gochuu keessatti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban cimsanii dubbataniiru.