Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI), Waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti – Waajjira Naannawa Bahaa Afrikaa (OHCHR-EARO) waliin qindaa’uun,Woorkishooppii marii workishooppii haqaa ce’umsaa (TJ) irratti guyyaa sadiif Ammajii 27–29, 2026tti Finfinneetti taasisee jira. Woorkishooppiin kun bakka bu’oota waldaalee miidhamtoota Bulchiinsa Naannoolee Affaar, Amaaraa, Beenishaangul-Gumuz, Gaambeellaa, Hararii, Somaalee, Kibba Ityoophiyaa, Kibba Lixa Ityoophiyaa, fi Tigiraay, akkasumas Bulchiinsa Magaalaa Dire Dawaa hirmaachiseera.

Workishooppiin kun waldaalee miidhamtootaa akka haala bu’aa qabeessa ta’e adeemsa haqa cee’umsaa keessatti hirmaataniif dandeettii teeknikaa fi leellistummaa isaanii cimsuu kan kaayyeffate dha. Workshopiin kun adeemsa Haqa-cee’umsaa (TJ) Itoophiyaa keessatti hirmaannaa hiika akka qabaatu Komishiniin Mirgoota Namooma Itoophiyaa KMNI, Waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti-Waajjirri Naannawa Baha Afrikaa (OHCHR-EARO) fi bara 2023 A.L.A irraa eegalee walduraa duubaan gaggeeffame irratti kan ijaaramedha. Sagantaa marii walirraa barachuu kanaan dura gaggeeffamee akkasumas ammas walirraa barachuu fi miira nama kakaasu kun waldaalee miidhamitoota cimsuuf, akka wal bira dhaabbataan gochuu fi naannolee baay’ee keessatti walidaaleen miidhamitoota haaraan akka hundeeffaman gochuu keessatti gahee guddaa qaba.

Ogeeyyiin Giddugala Miidhaamtoota Darara (CVT) dhiibbaa hojiin fayya-qabeessummaa mirgoota namoomaa , gochaalee of kunuunsuu fi kunuunsa odeeffannoo mudannoo balaa-hamaa (truama-informed care) irratti walgahii geggeessuun, dhiibbaa miira ba’aa fi xiinsammuu leelistummaan miidhamtoota sarbiinsa mirga namoomaa lubbuun hafanii fi miidhamtoota/saaxilamtoota irratti qabuuf beekamtii kennaniiru. Workshopiin kun yaad-rimeewwan bu’uuraa bulchiinsa nageenyaa, xiinxala sodaa-balaa fi deebii taateewwan balaa irratti leenjii kan hammate yoo ta’u, balaa addaa miidhamtootni mudatanii fi namootni lubbuun hafan mirga ofii leellisan irratti xiyyeeffateera. Kana malees, saganticha irratti bakka bu’aa neetworkii waldaalee siivikii Itoophiyaatiin ijaarsa neetworkii fi bulchiinsaa irratti muuxannoo waliif qooduun gaggeeffameera.

Waltajii kanarratti hirmaattonni deeggarsa ogummaa dabalataa, keessattuu fayyaa sammuu fi deeggarsa xiinsammuu hawaasaa (MHPSS), mala of-eeggannoo fi qindoominaa irratti barbaachisummaa isaa irra deeddebiin cimsanii kaasaniiruu. Akkasumas tooftaalee walta’iinsa (strategies) cimsuu fi waldaalee miidhamtootaa gidduutti hariiroo walitti dhiyaatanii hojjachuu fooyyessuuf gargaaran waliif qodaaniiru. Mariin kun dhiimmota ijoo dursaa argachuu qabaanii fi kutannoo walta’iinsa fooyya’aa fi hirmaannaa waloo kan calaqqisiise yoo ta’u, kaayyoon isaas sagalee miidhamtootaa guddisuu fi fedhii isaanii guutufii marii hirmaachiisaa fi bu’aa qabeessa ta’ee adeemsa haqa cee’umsaa keessatti akka qabaatan deeggaruudha.

Qaalkidaan Darajjee, Hoggantuun waajjira Komishineera Ol’aana KMNI akka ibsanitti

Qaalkidaan Darajjee, Hoggantuun waajjira Komishineera Ol’aana KMNI akka ibsanitti, komishinichii haala walitti fufiinsa qabuun dandeettii teeknikaa, xiinsammuu hawaasaa fi leelistummaa waldalee miidhamtootaa cimsuuf taasisaa jiru ibsanii jiru. Haala waldaaleen kuniin walta’iinsan hojjeetan, beekumsa waliif qoodanii fi sochiiwwan qiinda’aan taasisaan, adeems haqa ce’uumsaa keessatti sagaleen miidhamtootaa akka dhagahamuu, feedhiin isaanii akka guutamuu fi hirmannaa bu’aa qabeessa akka taasisan gochuu ibsaanii jiru. Dabalataan akka ibsaanitti, taattaffiwwaan kun itti gaafatummaa mirkaanessuufi haqa fiduun qofa osoo hin jijjiirama haawasummaa guddaa kan taasisu ta’uu ibsaanii jiru. KMNI adeemsa ce’uumsa haqaa keessatti akka sagaleen miidhamtoota dhagahamuu fi dhiimma ijoo ta’u kutannoo akka qabu mirkaneessanii jiru.