Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) dhaabbilee mirgoota dubartootaa irratti hojjatan idilee kan hin taane ijaarama mirgoota dubartootaatiif marii hubannoo cimsuu Waxabajjii 11 fi 12, 2018 A.L.I. Finfinneetti adeemsise. Mariin kun dandeettii ijaarama mirgoota dubartootaa idilee hin taane cimsuun hojii isaanii akkaataa qajeeltoowwan mirgoota namoomaatiin akka raawwatan taasisuuf kan akeekee dha.

Waltajjicharratti hoggantoonni koree tola ooltotaa Waldaan Abbootii Seeraa Dubartoota Itoophiyaa Godinaa fi Aanaalee irratti hundeesse Naannoo Affaar, Amaaraa, Benshanguul Gumuz, Giddugaleessa Itoophiyaa, Oromiyaa, Sidaamaa, Somaalee, Kibba Itoophiyaa fi Kibba Lixa Itioophiyaa, hirmaataniiru.

Waltajicharratti, miidhaa koorniyaa irratti xiyyeeffatee fi maalummaa mirgoota namoomaa iyyannoowwan miseensota hawaasaa saaxilamoo ta’aniin dhiyaatanii fi haala inni itti keessummeeffamaa jiru, qajeeltoowwan bu’uuraa adeemsa qorannoo, akkasumas tooftaalee dubartootaa fi daa’imman sarbamni mirgoota namoomaa irra ga’an af-gaaffii gochuu fi deebii haala miidhaa xiinsammuu (psychological trauma-sensitive responses) yaada keessa galcheen, akkasumas dhimmoota caasaalee ijaaramaa cimsuu fi deeggaruu danda’an irratti barreeffamni ka’umsaa dhiyaatee irratti mari’atameera.

Hirmaattonni naannawa isaaniitti miidhaa koorniyaa bu’uureffatee fi sochii guyyaa guyyaa keessatti mudannoo isaanii walii hiraniiru. Jiddu seentummaa manguddoota gandaa, odeeffannoo sirnaan qindeessuu dhabuu, qaawa sirna hojii ol-iyyannoo dhiyaatan keessummeessuuf daangeffamni dandeettii akkasumas qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu deebii kennuurratti hanqinni mul’achuus ibsaniiru.

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti (KMNI) komishinarri Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii Ashannafechi Abbabaa qaamolee hawaasaa sarbama mirgootaatiif saaxilamoo ta’aniif deeggarsa seeraa qulqullina qabu, gahumsaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf Tarsiimoo Deeggarsa Seeraa Bilisaa Biyyoolessaa raawwachiisuuf wixineen qophaa’ee labsii raggaasisuu fi hojiirra oolchuun akka barbaachisu ibsanii, Deeggarsi seeraa al-idilee ijaarama dubartootaatiin taasifamu, keessattuu kabajamuu mirgoota dubartootaa fi daa’immaniitiif murteessoo ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis tajaajilli kunneen caalmaatti jajjabaachuu fi mirgoota namoomaa irratti xiyyeeffachuu akka qaban yaadachiisaniiru.