Komishinarri ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo bakka bu’oota addaa mirgoota namoomaa gamtaa Awurooppaa EeIlze Biraandis Keehirsi fi Itoophiyaatti Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa Soofiyaa Firoom-Emiisbarger waliin eegumsaa fi dagaagina mirgoota namoomaa irratti marii bu’a qabeessa taasisaniiru.

Marii kana irratti KMNIn mirgoota namoomaa kabachiisuu fi dagaagsuuf hojii ijaarsa dhaabaa sadarkaa biyyaaleessaatti jalqabe caalmaatti cimsuuf haala danda’amu irratti bal’inaan mari’atameera.

Komishinarri ol’aanaan Birhaanuu Adeelloo, gamtaan Awurooppaa hojii eegumsaa fi dagaagina mirgoota namoomaa KMNI’n hojjatu ilaalchisee deeggarsa taasisaa jiruuf galata guddaa qaban ibsaniiru.

Bakka bu’oonni Gamtaa Awurooppaa karoora tarsiimoo waggaa shanii KMNI qopheesse milkaa’inaan hojiirra oolchuuf deeggarsa fi tumsa gama isaanii gumaachuuf kutannoo qaban ibsaniiru.

Ijaarsa dandeettii dhaabaa malees, dhimmoota haala yerootiin walqabatan akkasumas mata dureewwan gama mirgoota namoomaatiin yaaddoo ta’an irratti yaada waljijjiiraniiru.

Qaamonni gam-lachuu tumsa kabajamuu mirgoota namoomaa irratti qaban cimsanii itti fufuuf waliigalaniiru.