Raawwiin mirgoota Namoota Biyya Keessatti Buqqaa’an, baqattootaa fi godaantotaa akka fooyya’uuf tumsi KMNI fi dhaabbilee hawaasa siivikii gidduu jiru cimee itti fufu qaba
Nageenyummaa buqqaatota biyya keessaa fi haala kabaja namummaa isaanii eegeen deebisanii ijaaruun/qubsiisuun qindoominaa fi tumsa qooda fudhattoota hundaa barbaada
Qormaata baqattoota mudatu furuu fi adeemsa murteessuu keessatti hirmaannaa hiika qabu akka taasisaniif qindoominni qooda fudhattoonni hundaa barbaachisaadha
Karoorri furmaata waara fi raawwiin fedha, nageenyi, kabajni namoomaa fi hirmaannaa guutuun buqqaatota biyya keessaa irratti hundaa’uu qaba
Rakkoolee walxaxaa baqattoota, koolu galtootaa fi namoonni biyya keessatti buqqa’an mudatan furuuf tajaajilli gargaarsa seeraa bilisaa mirgoota namoomaa bu’uureffate kennamuu qaba
Adeemsa cee’umsa haqaa fi filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa keessatti hirmaannaan buqqaatota biyya keessaa mirkanaa’uu qaba