Komishinii Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI) adeemsa qacarrii hojii keessatti rakkoolee qaama midhamtootaa mudatan hiikuun mirgi qacaramuu fi hojjachuu isaanii haala gaariin akka kabajamuuf kan kaayyeffate woltajii marii Magaalaa Baahir Daaritti Guraandhala 22, 2018 gaggeesse. Woltajicharratti, Qondaaltonni fi ogeeyyiin Mana Maree Naannoo Amaaraa, Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya human namaa Naannichaa, Biiroo Haqaa, Dhimma Dubartootaa, Dargaggootaa fi Hawaasummaa, Biiroo Hojii fi Ogummaa, Waajjira Pirezidaantii Naannichaa fi dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa irraa boba’an marii kana irratti hirmaataniiru.

Waltajjicharratti maalummaa mirgoota qacarrii fi hojjachuu qaamaa, midhamtootaa, dirqama mootummaa fi gufuuwwan qaamaa midhamtootaa adeemsa hojii fi qaxarrii keessatti mudatan, akkasumas iyyannoowwan irra deddeebiin KMNIf dhiyaatan mirga qaxarrii qaama miidhamtootaa fi filannoowwan furmaataa fudhatamuu qaban irratti mariin taasifameera.
Marii kana keessatti qaama miidhamtoonni dorgommii hojiif akka hin galmoofne danquu, erga galmaa’anii booda dorgommiin ala taasisuu, erga qacaramanii booda ammo tarkaanfiiwwan mijeeffama madaalawaa (reasonable accommodation) fudhachuu dhiisuun komii yeroo baay’ee ka’u ta’uu eerameera. Gama biraatiin, qaamaa midhamtoonni Naannichatti hoji-barbaaddota ta’an, dhaabbilee mootummaa adda addaa keessatti bobbaa hojii akka argatan taasisuuf, gamaaggamni seeraa (Legal Review) ‘Qajeelfama qaxarrii Mootummaa Naannoo Amaaraa Lakk.12/2013 irraati taasifamee hirmaattotaaf dhiyaateera.

Qajeelfamni kun mirga hojjachuu qaamaa midhamtootaa wajjin walqabatee danqaawwan mudatan adda addaa xiyyeeffannoo keessa galchuun kan qophaa’e yoo ta’u, qaamaa midhamtootaa qabatamaatti fayyadamoo taasisuu isaa haala gaariin ka’eera. Gama biraatiin, tumaaleen qajeelfamichaa tokko tokko hiikkaa mirgootaa dhiphisuuf kan saaxilaman ta’uun isaanii, qajeelfamni kun gosoota midhaa qaamaa murtaa’oo qofaaf uwwisa kan kennu ta’uu fi waliigaltee Mirgoota Qaama Miidhamtootaa Idil-addunyaatiin kan hin hammatamne akka jiran, akkasumas aangoon naannoo hojii qaamaa miidhamtootni itti hojjachuu danda’anii fi hin dandeenye adda baasuu fi murteessu dhaabbata qaxaraa fi daayirektoretoota/gareewwan bulchiinsa humna namaa sadarkaan jiraniif kennamuu isaa; kunis hojimaata wal-fakaataa hin qabneefi hojiirra oolmaa mirga dhiphisuuf karra kan banu ta’uun isaa akka hanqinaatti eerameera.

Kana bu’uura godhachuun, hiikkaa “qaamaa midhamtootaa” jedhu keessatti, gosoota midhaa qaamaa dabalataan ifatti hammachiisuun eegumsa mirgaa mormisiisaa hin taane mirkaneessuuf, qorannoo seerota biroo fi waliigalteewwan idil-addunyaa irratti hundaa’uun gosoota hojii qaama miidhamtoonni keessatti hojjechuu danda’anii fi hin dandeenne adda baasuun, sirna itti gaafatamummaa cimaa fi sagantaalee hubannoo uumuu diriirsuun barbaachisaa ta’uu waltajjicharratti ibsameera.

Daarektarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa KMNI, Xiibabuu Haayiluu, Qajeelfamni qaxarrii Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa naannichaatiin qophaa’e, mirgoota qacarrii fi hojii qaama miidhamtootaa mirkaneessuuf bu’uurri seeraa cimaan barbaachisaa waan ta’eef, tarkaanfii jajjabeessaa ta’uu eeraniiru. Kana bu’uura godhachuun qooda fudhattoonni hundi qabxiilee qajeelfamicha keessatti ka’amman xiyyeeffanoo keessa galchuun qorannoo dabalataa gaggeessuun fooyya’iinsa qajeelfamichaa haala mirgoota qaama miidhamtootaa mirkaneessun haala mijeessuun akka barbaachisu dhaamsa dabarssaniiruu. Itti dabaluunis, KMNI muuxannoo naannoo Amaaraa fudhatee naannolee biroo keessattis bu’uura seeraa walfakkaataa babal’isuun mirga qaama miidhamtootaa mirkaneessuuf hojii advookeesii isaa cimsee itti fufu ibsaniiru.