Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI) baqattoota, koolu galtootaa fi namoonni biyya keessatti buqqa’aniif dhaqqabummaa tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa wirtuulee garagraa kennan ilaalchisee Bitootessa 18, 2018 Finfinneetti waltajjii marii gaggeesse. Waltajjiin marii kun haala hojii yeroo ammaa wiirtuuwwan gargaarsa seeraa bilisaa Yunivarsiitiiwwan adda addaatti argaman Hubachuun, adeemsa hojii keessatti hudhalee fi carraawwan mudatan adda baasuu, gara fuulduraattis haal-duree tumsaa mijeessuu faarratti kan kaayyeffatedha.

Marii kana irratti bakka bu’oonni wiirtuuwwan tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa Yuunivarsitiitota Finfinnee, Arbaa Minci, Asoosaa, Dabaarqi, Gaambeellaa, Jigjigaa, Maqalee fi Samaraa irraa fi Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Ol’aanaa Baqattootaa (UNHCR) fi dhaabbilee miti mootummaa idil-addunyaa fi biyyaalessaa biroo hirmaataniiru.

Waltajjicharrattis mirgoota baqattootaa fi koolugaltootaa haqaa argachuu ilaalchisee argannoowwan ijoo hojii hordoffii KMNI dhiyaatanii irratti mari’atameera. Isaan keessaa rakkoon afaanii, qaawwi odeeffannoo fi hubannoo, akkasumas dhaabbileen haqaa, wiirtuuwwan tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa naannoo fi bakka qubsumaatti dhiyeenyatti argamuu dhabuun qormaata ijoo ta’uun kaafamaniiru. Keessattuu bajata tajaajila gargaarsa seeraa bilisaaf ramadame hir’isuun tajaajilli akka mana murtii socho’aa itti fufuu dhiisuu yaaddoo ta’ee ka’eera.

Hirmaattonni marii kanaa hanqinni baajataa, tumsi hojii fi walitti dhufeenyi dhaabbilee gidduu jiru, dandeettiin dhaabbilee gargaarsa seeraa hanqina qabaachuu fi tajaajila kana bakka hundatti wal qixa argachuu dhabuun gufuu ta’uu eeraniiru. Keessattuu, baqattootaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuu fi caasaan gurmaa’ee fedhii isaanii bakka bu’u jiraachuu dhabuun tajaajila gargaarsa seeraa bilisaa kana akka hin babala’anneef sababa ta’uutu ibsaniiru.

Gama biraatiin jalqabbii jajjabeessaan kanneen akka waldaalee godaantotaan hoogganaman cimsuu, babal’ina waraqaa eenyummaa dijitaalaa fi dhaabbilee gidduutti koreewwan waloo hundeessuun jiraatanis, dhaqqabamummaa haqaa waliigalaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan dabalataa qindoomina qabu akka barbaachisu ibsameera.

Daarektarri kutaa mirgoota buqqaatotaa, baqattootaa fi godaantotaa KMNI Mihirata’ab Gabiramasqal, buqqaatota, baqattootaa fi koolu galtootaaf tajaajila haqaa fi deeggarsa seeraa akka argatan gochuuf dhaabbilee gidduutti tumsi itti fufiinsa qabu taasifamuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis, qormaanni namoonni biyya keessaa buqqa’an, baqattootaa fi koolu galtoota mudatu walxaxaa fi jijjiiramaa waan ta’eef deebii mirgoota namoomaa bu’uureffate akka barbaachisu ibsaniiru.