Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhaqqabamummaa tajaajilli geejjiba ummataa qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf qabu, qormaatilee mudataniifi tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban ilaalchisee hubannoo uumuuf, akkasumas gahee qooda fudhattootaa adda baasuuf Caamsaa 4, 2018 waltajii marii Finfinneetti gaggeesse.

Waltajjicharratti bakka bu’oonni fi qondaaltonni Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Rippabilika Federaalaa Itoophiyaa, Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee, Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Tiraafikaa, Dhaabbata Tajaajila Awtoobisoota Magaalaa, Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa akkasumas waldaalee taaksii fi intarpiraayizii tarminaalii irraa kan babbayan hirmaataniiru.

Marii kana irrattis haala tajaajila geejjibaa qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf dhaqqabamaa taasisuun danda’amurratti gufuuwwanii fi haala gaarii mul’atu dhiyaatee bal’inaan irratti mari’atameera. Konkolaattonni geejjiba uummataaf oolan meeshaalee qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf mijatoo ta’an qabaachuu dhabuu; konkolaattonni meeshaalee kana qaban muraasni illee sababa balla’uutiin tajaajila kan hin kennine ta’uu isaanii; buufatni konkolaataa fi daandii miillaa nageenyummaan isaa eeggame fi dhaqqabamaa ta’e jiraachuu dhabuu; odeeffannoo fi agarsiiftuu sagalee ykn fakkii gahaa ta’e guutamuu dhabuu; hojimaatni qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf dursa kennuu fi deeggaruun fedhii ilaalcha tola-ooltummaa namoota dhuunfaa irratti kan hundaa’e ta’uu isaa; fi qaawwa ilaalchaan walqabatu ta’uu isaa akka qormaataatti adda baafameera.

Gama biraatiin tajaajilli geejjibaa qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf dhaqqabamaa akka ta’u kan dandeessisu seerotni, imaammatni fi qajeelfamni jiraachuun; qaama miidhamtootaaf kan adda baafaman bakki dhaabbii konkolaattotaa (paarkiingii) qophaa’uu; akkasumas qophii imaammataa konkolaattonni haaraan yeroo biyya seenan ulaagaa dhaqqabamummaa barbaachisaa ta’e guuttachuu isaanii kan mirkaneessu akka dhimmoota gaariitti marii kana keessatti ka’an keessaa isaan muraasa. Dabalataanis hirmaattonni marichaa, tajaajilli geejjibaa qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf dhaqqabamaa akka ta’u dhaabbileen dhimmi ilaallatu qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Finfinneetti itti gaafatamaan kutaa hojii qorannoo fi hordoffii KMNI Yooseef Girmaa, qama miidhamtootni fi maanguddoonni tajaajila geejjibaa wal qixa fayyadamaa akka ta’an, akkasumas dhaqqabamummaa tajaajilichaa mirkaneessuuf qooda fudhattoonni xiyyeeffannoo itti kennanii akka hojjatan yaadachiisaniiru. Itti dabaluunis, rakkoolee qaama miidhamtootaa fi maanguddoota damee geejjibaa keessatti mudatan akka furmaata kennuufiif, qophiin imaammataa fi hojiiwwan kana fakkaatan xumuramanii hojiirra akka oolu waamicha dhiyeessaniiru.